Walaloo Sirboota Mimmiidhagoo Art. Dinqiisaa Dabalaa
- Hamza Hussien

- May 19, 2022
- 2 min read
WAL – ARGAAN WALLAGGAA
Dhibba afuriif soddomaa jedhan gatiin argaa hin ooltu wal argaan
Afuriif soddomaa jedhan gatiin argaa hin ooltu wal argaan
Laga Laggee Wagiittan faana kee argee hin ooltu wal argaan
Qe’ee Kabbee Gammachuuttan abjuun si argee hin ooltu
Sabboontuu koo yaa boontuu Wallaggaa hin ooltu wal argaan (x4)
An siyaadee – durba Wallaggaa
Asheete Basalgaa – eessa wal argaan
Iseen araadee – durba Wallaggaa
Asheete Basalgaa – eessa wal argaan
Iseen barbaadaa – durba Wallaggaa
Asheete Basalgaa - eessa wal – argaan
Wal – argaan Wallaggaa (x4)
Sabboontuu koo yaa boontuu Wallaggaa hin ooltu wal argaan (x2)
Afuriif soddomaa jedhan gatiin argaa hin ooltu wal argaan
Sabboontuu koo yaa boontuu Wallaggaa hin ooltu wal argaan
Sanyii Abdiisaa Aagaa abdiinan si eegaa hin ooltu wal argaan
Sabboontuu koo yaa boontuu Wallaggaa hin ooltu wal argaan
Yaa isheen kuulli wayyaa Diimtuu gidduun margaa hin ooltu wal – argaan
Sabboontuu koo yaa boontuu Wallaggaa hin ooltu wal argaan
Callee kee diradhuu bareedina keetiin hin ooltu wal – argaan
Sabboontuu koo yaa boontuu Wallaggaa hin ooltu wal argaan
Beenyaan miidhama koo naaf miidhaga kootii hin ooltu wal – argaan
Sabboontuu koo yaa boontuu Wallaggaa hin ooltu wal argaan
An siyaadee – durba Wallaggaa
Asheete Basalgaa – eessa wal argaan
Iseen araadee – durba Wallaggaa
Asheete Basalgaa – eessa wal argaan
Iseen barbaadaa – durba Wallaggaa
Asheete Basalgaa - eessa wal – argaan
Wal – argaan Wallaggaa (x4)
Alaabaan jaalalaa siidaan yaadannoo koo
Abdiin koos si qofaa faajjiin dhaadannoon koo
Keessa kooti malee dhibdeen biraa hin jiruu
Karaan nama hin dhoowwuun iddoo garaan jiruu
Sin hawwe intala Wallaggaa namni hin duune wal – argaa (x2)
Sin hawwe kaa sin hawwee
Sin hawwee morma lawwee
Sin hawwee kaa sin hawwee kalawwee morma lawwee
Safuu kan wal argannee wal fuuna kaa naqannee (x2)
Baguma wal argannee wal fuuna kaa naqannee (x2)
Quba Guutoo wal naqannee Warqeedha Wallaggaanii
Argaan dhibba afuriif soddomaa waadaadhaa wal – argaanii
Gimbitti wal – naqannaa – Warqeedha Wallaggaanii
Maarree – Waadaadha wal - argaanii
Najjootti wal naqannaa – Warqeedha Wallaggaanii
Maarree – Waadaadha wal - argaanii
Aaruutt wal naqannaa – Warqeedha Wallaggaanii
Jiituu – Waadaadha Wal – argaanii
Nooleetti wal naqannaa – Warqeedha Wallaggaanii
Muummee– Waadaadha wal - argaanii
Manditti wal naqannaa – Warqeedha Wallaggaanii
Uhuuu – Waadaadha wal - argaanii
Dambitti wal naqannaa – Warqeedha Wallaggaanii
Sayyoo – Waadaadha wal - argaanii
Leeqatti wal – naqannaa – Warqeedha Wallaggaanii
Naqee – Waadaadha wal - argaanii
Shaambutti wal – naqannaa – Warqeedha Wallaggaanii
Horroo– Waadaadha wal - argaanii


Comments