Walaloo Sirboota Artist Dinqiisaa Dabalaa
- Hamza Hussien

- May 19, 2022
- 4 min read
SIRBOOTA
WEELLISAA
DINQIISAA DABALAA
KANNEEN ERGAA
MIIDHAGAA FI DHAAMSA
DHAMA QABAN OF – KEESSAA
QABAN
CAAMSAA 10 BARA 2022
FINFINNEE OROMIYAA
CAALTUU1000
Gaaddisa koo odaa karraa
Buttaa qallaan eebbi toltee
Yaa damma too baaftuu dharraa
Dhuftaa malaan suuta lootee
Saddeetiin marsaa Gadaan shan afurtamaa ee
Bareedduu Maccaa tokkee koo Caaltuu kumaa ee
Bakkootti ajjeesaa abbaan kee dhaabbata faaccaa
Kophaan odeessaa
Bubbullaan hayyuu maraachaa
Hiyyaaseen hiyyaaseera kaa
Si yaadee lammii koo si yaadeera kaa x2
Hiyyaasee hiyyaasee lulee
Si yaadee lammii koo si yaadaan bulee x2
Ceesisa
Maroolee hoo magaala Qalloo nyaarri gaaddisaa
Kuullee bilchoo yaadaatii
Maroolee hoo
Halaala yaannoo siif na kaachisaa shoolee suman aadaayyuu ….. Maroolee hoo
An madaan na kolfuu na gubatee cabeen yaaltuu dhabeeyyuu …..Maroolee hoo
Garaan na hin obsu kaa harka kennee ciisee hin beeku rafee …. Maroolee hoo
Ceesisa
Maaramee Harqaa onnattuu jajjabduu namaa
Gameetti durbaa waa’een koo si yaaduudhumaa
Sillee hin dagadhuu dumbushee tiyya qaxalee
Tufee hin arraabuu waadaa keen milkeessa malee
Hiyyaaseen hiyyaaseera kaa
Si yaadee lammii koo si yaadeera kaa x2
Hiyyaasee hiyyaasee lulee
Si yaadee lammii koo si yaadaan bulee x2
Maroolee hoo
Malkaa Fidoo yaanee Laaloo wancoo irratti irreeffannaa …. Maroolee hoo
Innaangoo nu geessaa maqni Najjoo qe’ee keenya dhaqnaa … Maroolee hoo
Hiiqas kumkummeef Geelloon siif sirbaa hiyyuus kiiloleessee … Maroolee hoo
Silas gumgumtee hinaaftuun dhibbaa tobbee koo yaa leensee
Gaaddisa koo odaa karraa
Buttaa qallaan eebbi toltee
Yaa damma too baaftuu dharraa
Dhuftaa malaan suuta lootee
Wallagga buunaa Qeellamiin mandara Jootee
Na argaa hin dhuftaa halkaniin gandarra lootee
Sumaafan jooraa bareedduu dumbuluttuu too
Siif na hin mararuu yoo feetes fudhu lubbuu koo
Hiyyaaseen hiyyaaseera kaa
Si yaadee lammii koo si yaadeera kaa x2
Hiyyaasee hiyyaasee lulee
Si yaadee lammii koo si yaadaan bulee x2
ROOBA ISHII
Habeeyye maaloo koo yaa habaayye maaloo
Karrarra geessee maaf ol hin seenne jaaloo
Hulaa kee saaqatti dhiiftee saaqatti dhiisee saaqatti dhiifnee
Awwaaldiigessi si nyaataa koottu na nyaataa koottu nu nyaataa

Hin rooba reef hin tittiifaa
Roobee silaa lafa hin geenyee
Koottu qacceen kiyya maaloo waliigalla teenye
Dhiigan finnee gadi hin dhiifnu
Gatii hedduu itti laanne
Bor gannee barbaacha hin dhaqnuu
Akka lamuu nu hin dhamaasnee

As geenyee addaan hin baanu x 2
Ol seennee mammari’anna seennee mammari’annaa
As geenyee addaan hin baanu x 2
Ol seennee mammari’anna seennee mammari’annaa
Abeet rooba ishii x 3 caama ishii rooba ishii x3
Ceesisa
Habeeyye maaloo koo yaa habaayye maaloo
Karrarra geessee maaf ol hin seenne jaaloo
Hulaa kee saaqatti dhiiftee saaqatti dhiisee saaqatti dhiifnee
Awwaaldiigessi si nyaataa koottu na nyaataa koottu nu nyaataa
Hulaa kee saaqatti dhiiftee saaqatti dhiisee saaqatti dhiifnee
Awwaaldiigessi si nyaataa koottu na nyaataa koottu nu nyaataa
Habeeyye maaloo koo yaa habaayye maaloo
Karrarra geessee maaf ol hin seenne jaaloo
Ulfi lubbuu lama baattee otoo ciniinsutti jirtuu
Wayyoo isin giddutti duutee kunoo bu’aan kana taatee
Waliigalaa nu wal’aanaa otoo qeerroon hin wareerree
Ulfi lubbuu lama baattee otoo ciniinsutti jirtuu
Wayyoo isin giddutti duutee kunoo bu’aan kana taatee
Aayyoo Gadaamessi dhiigaa madaan lammii kiyya hin qoorree
Waliigalaa nu wal’aanaa akka qeerroon hin wareerree
Ulfi lubbuu lama baattee otoo ciniinsutti jirtuu
Wayyoo isin giddutti duutee kunoo bu’aan kana taatee
Aayyoo Gadaamessi dhiigaa madaan lammii kiyya hin qoorree
Amma dafaa nu wal’aanaa otoo qeerroon hin wareerree
As geenyee addaan hin baanu x 2
Ol seennee mammari’anna seennee mammari’annaa
Abeet rooba ishii x 3 caama ishii rooba ishii x3
Waliigalaan alaa galan x2
AANNAN DHUGNEEN ITITTUUDHAA
Daaktuu hin nyaattu Garbii
Daaktuu fiduuf majagdee hin rakkatiin
Waan si hin dhibneef ofumaa hin dhiphatiinii
Ofir na goote qalbii
Hinaafaniif na hin laafu jilbii
Si hawwaniif bar nu hin diigu rabbii
Cabbiin gurraacha hin qabuu
Qaqallatteedhaaf lafeen hin cabuu
Qaqallatteedhaaf lafeen hin cabuuyyuu
Atis gurraachesanii miidhama koos natti leellisanii
Du’a lubbuuti si hin dhiisu anii
Aannan dhugneen itittuudhaa
Maaltu dhugaa lama raasaa
Jaalalti kee boochistuudhaa
Laphee lapheetti ol na aarsaa
Haamee kaloo nyaachisuufii
Haamee si haa mudirtuufii
Bira qabee sitti himuunii
Jaalalaan si dhuunfachuufii
Halkan iftuu koo oohoo
Akka addeessaa oohoo
Gubaa laphee koo oohoo
Si qabbaneessaa oohoo
Yoollee fagaattee oohoo
Situ natti aanaa oohoo
Caba lafee koo oohoo
Situ wal’aanaa oohoo
Waan jaalalaa jaalala maal natti hafee
Jaalalti ishee seenee na nyaate lafee
Darbatamee gatantaree yoom kufee
Hurgufadheetan ka’ee citee sitti hafee ….Citee sitti hafee
Jaaladheetan sitti hafee …. Citee sitti hafee
Filadheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
An citeen sitti hafee …. Citee sitti hafee
Jaaladheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
Filadheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
Jaaladheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
An citeen sitti hafee …. Citee sitti hafee
Jaaladheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
Ceesisa
Daaktuu hin nyaattu Garbii
Daaktuu fiduuf majagdee hin rakkatiin
Waan si hin dhibneef ofumaa hin dhiphatiinii
Ofir na goote qalbii
Hinaafaniif na hin laafu jilbii
Si hawwaniif bar nu hin diigu rabbii
Cabbiin gurraacha hin qabuu
Qaqallatteedhaaf lafeen hin cabuu
Qaqallatteedhaaf lafeen hin cabuuyyuu
Atis gurraachesanii miidhama koos natti leellisanii
Du’a lubbuuti si hin dhiisu anii
Ceesisa
Hennaan asii gadi ilaaluu
Dachaa Odaan marga haamuu
Kan koo ta’uun kee hin oollee
Galmee koorraa suma waamuu
Wanti sitti hafe jiraa ree
Leemmana dhaabdu sorooroo
Kan hidhii hin nyaanne jiraa ree
Dammaan makaa yaa jorooroo
Dhiitee bariitu …. oohoo
An suman waamaa …. oohoo
Mormatti of kuudhaa …. oohoo
Akka kudhaamaa …. oohoo
Daakaa galaanaa …… oohoo
Jaalalti keetuu …… oohoo
Koottuu na baasii …… oohoo
Yaa Daakkiyyee koo …… oohoo
Waan jaalalaa jaalala maal natti hafee
Jaalalti ishee seenee na nyaate lafee
Darbatamee gatantaree yoom kufee
Hurgufadheetan ka’ee citee sitti hafee ….Citee sitti hafee
Jaaladheetan sitti hafee …. Citee sitti hafee
Filadheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
An citeen sitti hafee …. Citee sitti hafee
Jaaladheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
Filadheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
Jaaladheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
An citeen sitti hafee …. Citee sitti hafee
Jaaladheen sitti hafee ….. Citee sitti hafee
DAADOO
Nan hawwe nan hawwe na hawwisiisaa x3
Takka kolfanii takka gadduu na duchisiisaa
Kolfa walirraa hin cinne kulfu na callisiisaa
Nan hawwe nan hawwe na hawwisiisaa
Kolfa walirraa hin cinne kulfutu na caba koo naa diriirsaa
Sobee tiyyammoo x 4
Cinaachi mirgaa natti wayyaa’e xinnoo
Sobee tiyyammoo x 4
Cinaachi bitaa na dhukkubammoo
Tuulamarra roobee maa Maccarra tiifaa
Maa Maccarra roobee Tuulamarra tiifaa
Rabbi wal qixxeedha yoom adda nu baasaa
Tuulamarra roobee maa Maccarra tiifaa
Rabbi wal qixxeessee maa namni adda baasaa
Sololoo koo x2 Sololoo Finfinnee Oroomi sitti himee
Sololoo koo x2 Sololli battalaa
Bakkalcha galgalaa
Sin eega galgalaa x4
Yaa Habeebee Habeebee qaatan callise dikee na jalqabee
Yaa Habeebee Habeebee maa callisa cinaachi na cabee
Yaa Habeebee Habeebee gojjortuu ----- Yaa Habeebee
Habeebee gamasii ------ Yaa Habeebee
Kunoo nan okkolaa ------- Yaa Habeebee
hin fayyinee har’asii ------ Yaa Habeebee
Yaa Habeebee Habeebee gojjortuu ----- Yaa Habeebee
Kuttaayyee Amborraa ----- Yaa Habeebee
Qaroo tiyya dhabee ------ Yaa Habeebee
Alaa manni qorraa ------- Yaa Habeebee
Yaa Habeebee Habeebee qaatan callise dikee na jalqabee x2
Wal – tuqan walii warri walii tola walii dhaamaa x4
Jigiin baanee jigiin baanaa
Natti hin diigiin ijaarsa dallaa
Daboon baanee Gaboon galuu
Dhiisi Daadoo maqaafuu hin toluu
Jigiin baanee jigiin baanaa
Adda hin baanuu gamtaadhaan lollaa
Daboon baanee Gaboon galuu
Dhiisi Daadoo maqaafuu hin toluu
Addaan hin tolluu
Maqaan nu hin toluu
Addaan hin tolluu
Maqaan nu hin toluu

Comments